Waraanni mootummaa naannoo adda addaatti ummata ukkaamsuu itti fuufee jira.
- NuuralHudaa
- Aug 28, 2016
- 1 min read

Magaalaa Gincii irraa hiriira guddaa Hagayya 6/2016 guutuu Oromiyaatti geggeeffame irratti hirmaattani jirtu jechuun waraanni mootummaa halkan dargaggoota 8 ka ukkaamsan yoo tahu. Dargaggoota kana jidduu isaan 2 guyyaa lama dura gad lakkisuun kan hafan immoo eessa akka geeffaman hanga ammaatti kan hin beekamin tahuu maddeen nuuf gabaasan. Dargaggoonni ukkaamfamanii dhabaman 1.Waaqjiraa Mul'ataa 2.Dammaqaa Mul'ataa 3.Dharraa Dheeressaa 4.Kumaalaa Margaa 5.Leencoo Margaa fi 6.Tokkummaa Megaa yoo tahan. Guddataa Dandanaa fi Dheeressaa Urga'aa guyyaa lamaan dura kan lakkifaman tahuu beekamee jira.
Namoonni waraana mootummaa waliin tahuun magaalaa Giincii fi gandoota Baadiyaa keessaa nama guursisaa jiru. 1. Kumsaa Dalaasaa jiraataa magaalaa Gincii 2.Waggii Bulchaa Jiraataa Awaash Boolee 3.Taaddasaa Baqallaa Hidhataa Awaash Boolee 4.Ajamaa Abdeesa Hidhataa Awaash Boolee 5.Qananiisaa Dandaanaa qotee bulaa Awaash Boolee tahuu isaanii maddeen nuuf gabaasanii jiru.
____________ NuuralHudaa
Commentaires