top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Qaamonni mootummaa godinaalee adda addaa keessatti tokkummaa ummataa diiguuf olola dharaa oofaa jira

  • Odeeyfannoo
  • Aug 28, 2016
  • 1 min read

Godinaalee adda addaa keessatti kaabinoonni OPDO tokkummaa ummanni itti jiruu kana diiguuf jecha olola dharaa ummata jiddutti oofaa jiraatuun beekamee jira. Yeroo ammaa kana ummata araarfanna jechuun tooftaalee adda addaa uumuudhaan ummata kadhataa jiru. Tooftaalee kana jidduu " ummata godina kanatti ufitti araarafannee jirraa isaanis tole nuu jedhan jechuun ummata burjaajessaa jiraatu odeeyfannoon ni addeessa.

Dhiheenya kana godina Arsii lixaatti ummata walitti qabuudhaan ummanni godina Wallaggaa nutti araarameera, godinaalee biroos akkasuma kanaafuu isinis nutti araaramaa jedhanii ummata gowwoomsuu kan yaalan yoo tahu, ummannis fakkeesitoota kana booda nun sobdan gowwaa keessan barbaadadhaa jedhanii of irraa ari'uu odeeyfannoon argame ni addeessa. Ummanni godina biraatis akka hin gowwoomfamne jechuun dhaamasa dabarsanii jiru.

NuuralHudaa


Kommentare


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page