Waraanni mootummaa Masjiida irratti Boombii darbuun beekame.
- Odeeyfannoo
- Aug 27, 2016
- 1 min read

Godina Harargee Lixaa Aanaa Masalaa Araddaa Waltaasis keessatti waraanni mootummaa dargaggoota irratti reebbicha kan raawwatan yoo tahu, dargaggoota 4 kan reebbicha baqatanii masjiida seenan marsuudhaan boombii kan itti darban tahuu odeeyfannoon naannaawa irraa nu gahe ni addeessa. Yeroo boombiin darbametti namoonni hedduun masjiida keessa kan turaan yoo tahu, namni hedduun madaayee kan lubbuun bahee dargaggeessi Imaamee Muhammad jedhamu haala suukaneessaa taheen gubatee kan ajjeefame tahuu odeeyfannoon argame ni addeessa.
Obboleessa keenya kan du'eeef Rabbiin haa haraaramu, kan miidhamanis Rabbiin nuuf haa fayyisu.
Comments