Poolisiin Iskootland miseensotni poolisii dubartootaa muslimaa Hijaaba akka Yuniformiitti akka uffat
- Odeeyfannoo
- Aug 25, 2016
- 1 min read

Duraan Dubartoonni miseensa poolisii Iskootland hijaaba ni dhorkamu ture, amma garuu waraanni fi miseensonni poolisa kan dubartoota hijaaba akka yuniformitti uffatanii tajaajiluu danda'an labse. Konistaabila guddaa poolisa biyyatti kan tahe Chief Constable Phil Gormley "Labsii kana yoo labsu gammachuu guddatu natti dhaga'ama, akkasumas miseensota Poolisii fi Ummani baldhaanis baga gammadan. Labsii kana baasuu keenna misensoonni keennaa amantii fi hawaasa adda addaa irraa walitti dhufuun Muuxannoo akka wal jijjiiran kan nu taasisuudha'' jedha. Gabaasni hogansa ol'aanaa poolisa Biyyattii bara 2015/2016 keessa namootni 4809 miseensa tahuuf kan iyyatan tahuu agarsiisa, namoota iyyatan kana keessaa immoo 127 hawaasa biyya biraa irraa lammii tahanii jiraataniidha , kun immoo hedduu diqqaa waan taheef Miseensi keenna hawaasa hunda irra tahuu qaba jedha. Kanaafuu miseensa keenna amantaa fi saba mara irraa dabaluun dirqama jedha Abbaan Tayiitaa Poolisa biyyatti.
Comentários