top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Manni Murtii Jarman labsii dubartoonni mana barnootaatti niqaaba akka hin uffanne jedhu labse.

  • Odeeyfannoo
  • Aug 25, 2016
  • 1 min read

Partileen siyaasaa Biyyatti sadii Niqaabni mana Barnootaatti, mana murtii fi yeroo konkolaataa konkolaachisan akka dhorkamu gaafatan. Manni murtiillee gaafii kana irratti hundaahuun guyyaa hardhaa mana barnootaatti akka dhoorkamu seera jedhu baase.

Shamarreen muslimaa tokko jum'aa dabre niqaaba uffattee jirta jechuun kutaa barnootaa seenuu sababa dhoorkamteef mana murtii magaalaa Osnabrueck iyyattee, guyyaa hardhaa shamarreen tun mana murtii dhihaattee, Manni murtilleen iyyanoo isii kuffisuun, gaafiin paartileen siyaasaa kanaan dura gaafatan sun hojii irra akka oolu labse.

Warri Paartii siyaasaa Conservative ykn garreen aadaa fi jireenni hawaasummaa ka durii irra jijjiiramuu hin qabu jedhe amanu kanaan dura yeroo mootummaan Jarman baqattoota muslimaaf karaa banu jibbaansa ibsataa turan. paartiin tun hardhallee warri niqaabni akka dhoorkamu jedhe keessaa tokko akka ta'an odeeyfannoon ni addeessa.


Comments


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page