Deeggartoonni Garee Kuubbaa Miilaa Seeltik Paawundii 100,000 ol Ummata Falasxiin gargaaruudhaaf wali
- Odeeyfannoo RNH
- Aug 24, 2016
- 1 min read

Torbaan dabre keessa tapha Kuubbaa miilaa garee Seeltik (Iskootlaand) fi Hapoyel Beer Sheva (Israa’eel) jiddutti godhame irratti deeggartoonni Seeltik Alaabaa Ummata Falasxiin ol kaasuudhaan deeggarsa ummata cunqurfamaaf qaban agarsiisanii turan. Kana hordofee gamtaan Kubbaa Miilaa Awurooppaa garee Seeltik kana gochaan isaan raawwatan kun siyaasaadhaan wal qabata jechuudhaan adabbii irratti muree jira. Gareen kun deeggarsa Ummata Falasxiiniif qabu yoo mul’isu kun kan jalqabaatii miti. Kana duras haaluma kanaan deeggarsa agarsiisuudhaan adabamanii jiran. Ammas osoo adabbii tana beekan itti seenan. Yeroo kana garuu deeggartoonni adabbii garee isaanii irratti murame kana cal’isanii bira hin dabarre. Weebsaayitii a Go Fund Me page jedhu banuudhaan mallaqa paawundii 75,000 ummata falasxiiniif walitti qabuu murteessan. Akkuma yaadanitti sa’aa 24 keessatti paawundii 77,000 walitti qaban. Kana booda deeggarsa isaanii jabeeysanii itti fuufanii paawundi 100,000 ol walitti qabuu danda’anii jiran. Mallaqa kanaanis ummata Falasxiin rakkoo hamaa keessa jiru gargaaruuf kan oolchan ta’uu beeksisan.
Rabbi Ummata Falasxiin roorroo Yahuudaa jalaa haa baasu
NuuralHudaa
www.nuuralhudaa.com
Comments