top of page
  • Facebook Social Icon
  • icon_256x256_2x
  • Twitter Social Icon
  • YouTube Social  Icon

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii gaafiin Sa’udiin faati Qaxar akka Aljaziiraa cuftu dhiyeessan fud

  • Writer: NuuralHudaa
    NuuralHudaa
  • Jun 30, 2017
  • 1 min read

Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii(UN) biyyoonni Galoo galaana Arabiyaa Sa'udii, Emireeti, Bahreenii fi Masri qoqqobbii biyya ollaa isaanii Qaxar irra kaayan kasuun duratti ulaagaan “dhaabbanni miidiyaa Aljaaziiraa akka cufamu” jeduhu, yaada ofii bilisaan ibsaatu sarbuudha jechuun balalefate.

Qondaalli olaanaan Dhaabbatichaa Komishneer Zayid Ra'ad al Husseen guyyaa hardhaa ulaagaa Qaxar Tv Aljaaziiraa fi maxxansaalee adda addaa akka dhaabdu jechuun biyyoonni galoo galaana Arabiyaa dhiheessan irratti ibsa midiyaalee kennuu isaa Rooytersi gabaaseera.

" Tamsaasni Aljaziiraa Afaan Arabaa fi Ingiliffaan darbu seera qabeessaa fi hordoftoota miiliyoonaan lakkaawaman guutuu addunyaa irra qabudha; ulaagaan midiyaan kun akka cufamu jechuun dhiyaate kan namaaf hin liqimfamnee fi mirga walabumma yaada ofii ibsatuu irratti dhiibbaa guddaa uumudha" jechuun kan balaleeffate ta’uu odeeyfannoon Rooytersi irraa argame ni addeessa.

_______ Application NuuralHudaa download godhuuf Android https://goo.gl/Ieo7dv iPhone https://goo.gl/y7n0In iPad https://goo.gl/Yf9a8x NuuralHudaa https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/ https://twitter.com/NuuralHudaa www.nuuralhudaa.com


留言


HAARAYA
Follow Us
  • Facebook Basic Square
  • Twitter Basic Square
  • Google+ Basic Square
QORMAATA

Beekumsa  Islaamummaa  keeysatti
Qabdu Qormaata kanaan if madaali

Kitaabota Afaan Oromoo Dubbisi

Galmee Miseensotaa

Miseensonni NuuralHudaa waan hundarratti dursa argatu!

© 2016 Created by Abulkhayr NuuralHudaa

bottom of page