Biyyoonni Addunyaa Israa'eelii fi Falisxiin akeekkachiisan.
- NuuralHudaa
- Jan 16, 2017
- 1 min read

Kora alhada kaleessaa waa'ee nageenya biyyoota baha jiddu galeessaa irratti mari’atuuf magaalaa Paaris keessatti geggeeffamaa oole irratti Ministeeronni biyyoota 70 olii irratti hirmaatuu odeeffannoon argame ni addeessa.
Kora kana irratti lola waggaa dheeraaf Israa'eelii fi Falisxiin jiddutti geggeeffamaa jiru irratti furmaata kaa'uuf baldhinaan kan mari’atan yoo tahu, biyyoonni lamaan kun gocha nagaya boorressu kamiyyuu irraa akka of qusatan akeekkachiisan.
Muummichi ministeeraa Israa'eel Biniyamiin Natyaanahuu korri kun kan bu'aa Israa'eel faallessu jechuun balaaleffate.
Dhuma irrattis Ministeeronni biyyoota adda addaa irraa dhufuun kora kana irratti argaman kunniin irra calaan isaanii karoora pirezedaantiin Ameerikaa dhiheenya kana filatame Doonald Tiraamp Imbaasii Ameerikaa kan magaalaa Teelaviiviitti argamu gara magaalaa Iyeerusaalemiitti jijjiiruuf qabu balaaleffatanii jiru.
Comments