
Qophii: Abuu Bilaal Huseen
Magaalaa Sebtaa Dachii Afriikaa kan Ispeen jala jirtu.
Magaalaan Sebtaa kan argamtu qarqara kaaba Morokoo ykn Magribitti yoo tahu, kaabaan galaana Meedtraaniyaatiin akkanumas kibbaan ammoo galaana Atlaantikiitiin marfamtee argamti. Gaarrii guddaan jabala -Xaariq jedhamu ammoo baha magaalaa Sebtaatti argama. Kana jechuun magaalaan tun guutumaan guututti qaama dachii Afrikaa biyya Magrib jechuudha.
Baayi’inni ummata magaalattii 80,000 yoo tahu; isaan keessayis dhibbeentaan 50% muslima yoo tahan kan hafan ammoo ammantalee adda addaa kan biroo hordofu.
Magaalaan Sebtaa sababa istiraateejii teessuma lafa isii irraan kan ka’e, yeroo dheeraa irraa jalqabee fedhii mootota adda addaa turte. Fakkeenyaaf dhaaloota Nabi Iisaa booda waggaa 42ffaatti Ruumaanotaan qabamtee turte.Amata 400 booda ammoo harka Baayzaantayinoota kan galte yoo tahu, booda irra ammo harka warra Ispeenota kufte.
Magaalaan Sebtaa seenaa Islamaa keessatti iddoo guddaa kan qabdu yoo taatu hanga jaarraa 15ffatti harka qaama bulchiinsa muslimoota Andaluusiyaa turte. yeroo muslimoonni Andaluusiyaa bulchaa turanitti, handhuura beekumsa diiniitii fi saayinsii akka turte seenaa raga baya.
Hayyoota magalaan tuni addunyaafi gumaachite keessaa tokko Aalimaa fi sayintistii beekkamaa jarraa 12ffa Shariif Al-idriisi yoo tahu, Al-idriis nama jalqaba kaartaa addunyaa qopheesse. Magaalaan Sebtaa hanga bara 1492 yeroo Andaluusiyaan harka muslimootaatii baatetti qaama Magrib turte. Sana booda jalqaba harka warra Poortugaal, itti aansee ammo hanga hardhaatti harKa Ispeenotaa jalatti Agamti. Morokoon yeroo adda addaatti magaalaan tuni gara isii akkka deebituuf kan gaafachaa turte yoo tahuu; ispaaniyaan waan diddeef hanga ammaatti dachii Afriikaa kolonii awurooppaa jalatti hafte jedhamtee waamamti.
__________
Application NuuralHudaa download godhuuf
Android https://goo.gl/Ieo7dv
iPhone https://goo.gl/y7n0In
iPad https://goo.gl/Yf9a8x
NuuralHudaa
https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/
https://twitter.com/NuuralHudaa
www.nuuralhudaa.com