©Abu-Bilaal Huseeniin

Hayyittiin tuni, Dr Marwaa Qawqajii jedhamati. Marwaan hagayya bara 1968 Turkiyaa magaala Ankaaraatti dhalatte. Bara 1999 ALA Umrii isii 31 miseensa Paarlaamaa Turkiyaa taatee filatamte. Haata’u malee Turkiyaan yeroo sanitti, sirnya akka malee amantaa Islaamaa balaaleffatu keessa waan turteef, dubartiin muslimaa hijaaba uffattee iddoo hawaasummaa fi manneen barnootaa seenuun yakka ture.
Marwaan biyya ummatnii isii muslimaa kan seerri isii ammo faallaa amantii isii ta’e kana cabsuuf murteessite. Marwaan haala yeroo filatamtee paarlaamaa seenuuf qophoofte yoo yaadattu “Hijaabni kiyya eenyummaa kiyya; dachii lafaa irratti humni narraa mulqu tokkollee hinjiru; kanaafuu qabsoo akkaan jajjabaatiif uf qopheessuf murteesse” jechuun dubbatti.
Marwaan guyyaa jalqabaa hijaaba isii uffattee Paarlaama seente.yeroo sanitti miseensonni parparlaamaa biyyattii irra caalaan faallaa isii waan turaniif, Marwaan seera biyyattii cabsite jechuun miseensummaa irraa ari’ani. Itti aansuudhaanis lammumma Turkiyaa irraa mulqan. Yeroo kana gara USA baqatte. Wanti nama ajaa’ibu Ameerikaa keessatti, hijaaba isii osoo hinbaafatin gara universitii seente. Barumsa Maastersii (digrii 2ffaa) Universiitii beekkamaa Harvard irraa kan argatte yoo tahu, barumsa PhD isiis kan argatte akkanuma yuniversitii beekkama Ameerikaa kan biraa Haward irraayyi.
Dr Marwaa Qawqajii Univarstiilee Awurooppaa fi Ameerikaa hedduu keessatti barsiisaa kan turte yoo taatu, Mirgi hijaaba uffachuu biyyoota dhihaa keessatti akka kabajamuufis falmataa turte. Haaluma kanaa badhaasa heddu kan argatte yoo taatu dubartii jajjaboo addunyaa 500 keessa takka tahunis filatamtee turte.
Dr Marwaan erga Turkiyaatti Pirazadant Rajab Xayyib Erdogan gara taayitaa dhufeen booda gara biyya isii deebite. Kana malees, miseensummaan waggoota dheeraa dura sababa Hijaabaatiin irraa ari’amte, deebiftee argachuu dandeette. Torbaan tokkoon dura ammoo Pirazadant Erdogan Dr Marwaa Qawqajii biyya Maaleshiyatti Ambaasaaddara Turkiyaa godhee muude.
www.nuuralhudaa.com