
Hudaa Ghaliyaa mallattoo qabsoo dubartoota Falasxiin.
Qopheessaan: Abuu Bilaal Huseen
Hudaa Ghaaliyaa qabsoo Ummata Falasxiin tan misaa’elli yahuudaa hin cabsine ta’uu, dubartii mirkaneessite jedha gabaasni arganne.
Israa’eel erga bara 1948 daGhaaliyaa
sxiin humnaan qabattee irraa jalqabee, dararaa fi ajjeechaa daangaa hinqabne lammiilee Falasxiin irratti geggeessaa turte, ammas ittuma jirti.
Falasxiinonnis diina meeshaa waraanaa hammayyaatiin isaan ajjeessu kana humnaa qabaniinii fi gootummaa daangaa hinqabneen afoodhaabbachaa jiru.
Ajjeechaan Isra’eel Falasxiinota irratti raawwatte lakkaawame kan hindhumne yoo ta’elle; ajjeechaan bara 2006 qarqara Galaana Gaazaa irratti raawwatte garjabeenyaa fi hammeenyaa yahuudotaa ifatti kan mul’ise ture.
Waggaa 11 dura bara 2006 Hudaa Ghali shamarree waggaa 12 turte. Juma’aa waaree booda maatii isii waliin gara qarqara galaana gaazaa bu’an. Guyyaan kun guyyaa yahuudaan isra’eel Misa’ela Markaba waraana irraa darbatteen lammiilee falasxiin hedduu itti galaafatte.
Hammeenya yahuudotaa kana addunyaa daaw’achuudhaaf daqiiqaa muraasa qofa itti fudhate. Tamsaasa viidiyoo kallattiidhaan addunyaan daaw’atte san irratti; mucayyoon maatiin torba ija isii afotti galaafataman sun Hudaa Ghaliyaa turte. Abboleewwan isii 4, obboleettii 1, Adaadaa fi Abbaan Hudaa ni ajjeeffaman.
Harmeen isiitis ni madoofte.
Mucayyoon daa’imti tun akka taatu wallaaltee reeffa Abbaa fi maatii isii biratti kuftee iyyaa turte. Suuraan Viidiyoo sun sammuu lammiilee addunyaa keessatti hafe. Sana booda Hudaanis mallattoo qabsoo ummata falasxiin ta’uuf qophoofte. Waggaa 11 boodas Qabsoon falasxiin misaaela yahuudaatiin tan hicabne ta’uu mirkaneessite.
Hudaan ji’a dabre kana july 28/2017 univarsiitii gaazaa irraa Digrii Shari’aa fi Seeraatiin barnoota isii xumurte eebbifamte.
Guyya eebbaa isii irratti prazadantiin univarsitii Gaazaa haasawa godheen:
“Hudaan fakkeenya qabsoo Falasxiini. Milkiin isii milkii dachii falasxiin guutuuti” jechuun Hudaa ibse.
Hudaan gama isiitiin hamileen isii sababni hin cabiniif gargaarsa Harmee isiitii fi ummata Falasxiiniin akka ta’e himte.
Har’a kunoo Hudaa Ghaaliyaa mallattoo qabsoo Falasxiin tan misaa’elli yahuudaa cabsuu hi dandeenye taatee jirti.
____
Application NuuralHudaa download godhuuf
Android https://goo.gl/Ieo7dv
iPhone https://goo.gl/y7n0In
iPad https://goo.gl/Yf9a8x
NuuralHudaa
https://www.facebook.com/RNuurAlHudaa/
https://twitter.com/NuuralHudaa
www.nuuralhudaa.com