
Shari’aan Islaamaa arraba ofii tiiyfachuutti ajajji. Balaan sababaa arrabaatiin namarraa argamtu heddu. Nama Arrabsuufi Abaarsi balaa arrabni deemuunirraa muraasa. Kheeysaahuu zamana kana socail midiyaa irratti. Namarraa warra nama arrabsuun laafteefii dalagaa godhatee itti bobbahetu jira, hedduun namaa Namuma arrabsuuf kataba. Gariinis nama arrabsuuf viidiyoo waraaba.
Osoo silaa warra Rabbitti hin amanne qofarraa mul’ate Isaan Rabbittuu hin amannee nama arrabsuun tanaaf biratti laafte jechuu dandeenya. Garuu nama Rabbii fii guyyaa irraa boodattii amanu, Muslima Nabiyyii sallallaahu aleeyhi wasallam jala deema jedhurraa, nama arrabsuun dalagaa taatee argamuun, waan wallaalarraa tahu ykn daangaa shari’aa beekhaa tarkaanfatuu irraahi.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Akkana jedhan.
“Mu’minni nama arrabaan nama waraanu miti, Nama nama abaarus miti, kan waan fokkotaa hojjatuu miti, kan arraba hammaatu (waan fokkottuu dubbatuu) miti.” Jedhan.
Sunana Timiizii: hadiisa lakkofsa 1977
Silaa hadiisa kanatti dalaynee, Nama arrabsuun dalagaa mu’minaan maltee miti. Abadan waan nama amanerratti aadaa tahuu miti. Ammoo nama arrabsuun aadaa tahuu bira kuttee jeynummaa akka waan taatetti, namni wal arrabsaa jira.
Gama birootiin wal abaaruunis dhorgaadha. Nama jallates du’aa’ii godhuufi malee abaaruun dalagaa mu’minaatii miti.
Garuu wanni tahaa jiru faallaadha. Nama amane kan arraba hammaatu, dubbii fofokkottu dubbatu arguun baayyataa jira. Akhlaaqa gaarii Nabiin sallallaahu aleeyhi wasallam nuuf dhaaman kana irraa fagaannee, warra hin amanin jala deemuun kasaaraa gurguddorraahi.
Abuu Dardaa’a Rabbi irraa haa jaalatuu gaafa tokko intala akka malee afaan hammaattu, arraba hamaan nama darbattu argee akkana jedhe.
“intalti tun, Osoo nama afaan hidhaa, nama dubbachuu hin dandeenye taatee, silaa isiif irra kheeyrii qaba” jedhe.
Eeyyeen hamtuun Isiin arraba Isiitiin shammadaa jirtu akka malee akhiiraatti kan isii miidhu tahuun waan hin oolle. Saniif osoo nama hin dubbanne taate irra wayyaaf jedhe. Haala arra nuti itti jirrus yoo laalle, hedduun namaa waanuma akkanaa irra jira fakkaata. Wal arrabsuun qaanyii dhabdee jirti. Namuu facebook live bane walitti bobba’a. nama har’a faarsan boru ni arrabsan. Nama har’a kabajaan himan, boru dubbii hin taaneen darbatan. Arrabni Rabbiin nuuf uume ka silaa kheeyriin dubbachuu mallu, namaan arrabsuufi namaan abaaruuf itti fayyadamutti jirra.
Kun kasaaraa guddaadha.
Sahaabtichi Jaabir bin Suleeym jedhamu Rasuula sallallaahu aleeyhi wasallamitti dhaqee, toltuu naaf dhaami (na gorsi) jedheen, Rasuulli sallallaahu aleyhi wasallam: “Nama tokkollee hin arrabsin. Ammas Yoo namni tokko waan ati ofitti beeytuun si arrabse, ati waan isarraa beeytuun Isa hin arrabsin, cubbuun sanii Isarra jirti.” jedhaniin
Jaabir bin Suleeym akki jedhe: “eega Rasuulli ﷺ dubbii tana naaf dhaamanii, nama Bilisoomaafi gabara, gaalaa fii re’ees arrabsee hin beekhu.” jedhe
Sunana Abuu dawuud: hadiisa lakkofsa 3442
Gorsi Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam Sahaabticha gorsan “Nama tokkollee hin arrabsin” kaafira haa tahu, Muslima, wallaalaa haa tahu, beekhaa, jallata, nama tokkollee hin arrabsin.
Ammas nama si arrabse kan sanuu waan ati qabduun si arrabse, atis deebistee waan inni qabuun hin arrabsin jechuun gorsa ajaa’ibaa kennaniif.
Ilmi namaa amma waan hin qabneen wal arrabsa, waan namni qabuun wal arrabsanii waan fixan fakkaata. Waan namni hin qabne uumanii walirra kaayuun aadaa tahee jira. Gariin nama ani jaaladhu abalu kiyya narraa tuqan je’ee nama biraatiif dhaabbatee nama arrabsa, gariin nama tokko tokko kophaatti arrabsuu bira kutee, gosa gootuu arrabsa. Kun hundi osoo nama kaafiraa qofarraa mul’ate nama hin ajaa’ibu. Isaan waan sanii olii guddoo Osoo dalaganis Rabbittuu hin amanne! Garuu Muslima irraa mul’atuun rakkina. Hundi keenya of laaluu qabna.
Arraba hammaatuu fii nama arrabsuun balaa hedduu qaba:
Sanirraa:
Nama hamtuu dubbatu Rabbiin ni jibba.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam: “Rabbiin ol tahe nama hamtuu dalagu fii dubbatu ni jibba” jedhan. Tirmiizi hadiisa lakkofsa 1977
Namni isa jibbee, hamtuu Isaatiif jecha isa baqata.
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akkana jedhan: “guyyaa qiyaamaa irra hamaan namaa, nama duniyaa irratti namni sharrii isaa sodaaf irraa baqate” jedhan.
Bukhaarii hadiisa lakkofsa 6054
Arraba hammachuu fii dubbii fokkottuu lallabuun mallattoo munaafiqummaa irraahi
Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam akkana jedhan.
“Haalli lama mu’mina kheeysatti walitti hin qabamtu: Qorqoda (doynummaa) fii haalaa fii amala hammaachuun” mu’umina keessatti walitti hin qabamtu jedhan. timiizii: hadiisa lakkofsa 1962
Kanaaf Obboleeyyan Muslimaa aadaa nuun hin malle, waan fokkotaa, gadi aanaa, jibbamaa Rabbii fii Rasuulli sallallaahu aleeyhi wasallam jibban kanarraa fagaachuudhaan haalaa fii amala gaarii, ol aanaa, jaalatamaa haa qabannu isiniin jechaa, qophii akhlaaqa gaarii har’aa tanumaan goolabna.