
Namoonni hedduun haadha manaa isaanii mana keessatti hojii gargaaruu akka tuffii ykn immoo gad antumaatti ilaalu; kun immoo dogoggora guddaadha. Fakkeenya ilma namaaf kan tahan Ergamaan Rabbii( ﷺ)yoo daldala irratti bobba'an nama daldalaa cimaa turan, akkasuma gara mana isaaniitti yoo deebi'anis nama kidmaa cimaa turan, garuu nuti dukkaana ykn waajjira oollee yoo deebine manaa nyaata dhabnee haadha manaa keenyaan oodna ykn itti aarra. Daa'imni mana keessaa yoo boyu kaasnee qabuu irra haadha waamuuf figna.
Haati keenya A’ishaan oolmaa mana keessaa Ergamaa Rabbii ( ﷺ) irraa gaafatamtee .
" Ergamaan Rabbii(ﷺ)mana keessatti maatii isaa tajajiluun duudhamee oola, ogguu saa'aan salaataa dhaqqabu immoo ni deema "jechuun deebiste.
Hadiisa biroo haadha teenya A’ishaa irraa odeefameenis
" waan tokkoon keessan mana keessan keessatti hojjattan hunda innis mana isaatti ni hojjata" (Al Adab Al Mufrad).
Ammas Hadiisa birootiin "Re'ee isaa elmaa jira"(Ahmad) jechuun deebisteef. Hadiisa biroo irratis " Isin keessaa namni gaariin nama haadha manaa isaaf gaarii tahe, ani immoo namoota haadha manaa isaaniif gaarii tahan jidduu tokko" ( Tirmizi; Ibni Majah). Hadiisa kana irraa maal hubanna? Ergamaan Rabbii(ﷺ)Mana isaanii keessatti waan hojjatamu hunda kan hojjatanii fi maatii isaanii kan tajaajilan tahu hubanna. Sababni barreeffama kiyyaa kun yeroon amma keessa jirru kun Ramadaana, Ramadaanni immoo ji'a Ibaadaa itti dalagannu, kun immoo haadha manaa keenyas ni ilaallata, dubartoonni yeroo hedduu hojii manaatiin dudhamuu irraa kan ka'e Ibaadaa ji'a kana keessatti hojjatamu caalaa, mana keessa tajaajiluun duudhamu, kanaaf warri haadha manaa qabdan xiyyeeffannaa keessa galchuun haadha manaa keessan mana keessatti hojiin deeggaruudhan saa'aa isiin Ibaadaa itti hojjattu akka kennitaniif isiniif dhaamsa dabarsa.
Rabbiin warra maatii isaa deeggaru irraa nu haa godhu!